Finfinnee, Hagayya 4, 2018 (FMC) – Waggoota darban keessatti malaammaltoota faallaa biyyaafi uummataa dhaabbataniin, yakkoonni hidda fageeffataniifi hojiileen seeraan alaa tasgabbii dinagdee gooroo fi nageenya sirna faayinaansii biyyattii balaa irra buusan mul’ataniiru.Tattaaffiiwwan fooyya’iinsa dinagdee biyya keessaa biyyattiin taasisaa jirtu gufachiisuufi dandeettii dhaabbilee faayinaansii diiguuf hojjetaman ammas xiyyeeffannoo kan barbaadaniidha.Gabaan gurraachi fi shirri hawwaalaa fooyya’iinsa dinagdee biyya keessaa irraatti yaaddoo cimaa geessisaa tureera.Mootummaan daldala alaa gatiin sharafa alaa gabaadhaan akka murtaa’u taasise ariifachiisuufi daddabarsa maallaqaa seeraan alaa dhaabuu ta’us; sirni gabaa gurraachaa gurmaa’aniifi bakka bu’oonni hawawwalaa seeraan alaa ammaas gabaa danquuf yaalaa akka jiran qorannoowwan ni agarsiisu.Shirri kun sirna baankii keessatti argama sharafa alaa hir’isuu bira darbee; biyyattii keessatti qaala’iinsa gatii hammeessuufi amantaan uummatni fooyya’iinsa dinagdee irraa qabu akka dadhabuuf sababa ta’eera.Kanaafuu, gochi kun sirreeffama qormaata gabaa idilee osoo hin taane yaaddoo jireenya dinagdee irratti aggaamamee dha.Gama biraatiin, yakkoonni faayinaansii saayibarii, kiriiptookaaransiifi appilikeeshinoonni maallaqa dijiitaalaa eeyyama hin qabne sirna baankii irraatti yaaddoo haaraafi wal-xaxaa uumanii jiru.Daddabarsi maallaqa dijiitaalaa eeyyama seeraa hin qabneefi Baankii Biyyaalessaatiin eeyyama hin arganne maallaqa seeraan alaa baqachiisuu fi maallaqa yakkaan argame seera qabeessa fakkeessuun babal’achaa jiru.Kunis miidhaa sirna baankii idilee irraan ga’e caalaa ol’aantummaa faayinaansiifi dandeettii to’annoo biyyattii kan qoru waan ta’eef to’annoo teeknoloojiifi seeraa cimaa barbaada.Galii daldala alaa gara biyya keessaatti galchuu dhiisuun fi baqachiisuun daldala sharafa alaa Itiyoophiyaa irraatti dhiibbaa ol’aanaa uumeera.Ergitoonni oomishaalee gara alaatti erganii sharafa alaa argatan sirna baankii idileetiin gara biyya keessaatti deebisuu mannaa, baankota biyya alaa keessa kaa’uufi gabaa gurraachaan gurguruu irratti bobba’anii argamu.Gochi seeraan alaa kun Itiyoophiyaan galteewwan tarsiimawaa, qorichaafi meeshaalee dheedhii indaastiriif ta’an kan sharafa alaa akka dhabdu taasisa.Mootummaan biyya baraaruufi dinagdee seera maleeyyoota irraa eeguuf; yakkoota kana ittisuufi yakkamtoota gara seeraatti dhiheessuuf tarkaanfiiwwan seera kabachiisuu jalqabe cimsee itti fufsiisuu qaba.#Oromia #Ethiopia