Dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo Ashaaraa Magariisaaf qophiin xumurameera- Ministeericha

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 22, 2018(FMC)- Dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo Ashaaraa magariisaa bara kanaaf naannoleefi bulchiinsi magaalotaa qophii xumuraniiru jedhe Ministeerri Qonnaa.Hojii Raawwachiisaan Hariiroo Uummataafi Kominikeeshinii Ministeerichaa Yimar Daawud Faanaa Diijitaaliitti akka himanitti, sagantaa ashaaraa magarisaa bara Kanaan karoora biqiltuu biiliyoona 8.5 dhaabuuf qabame milkeessuuf kutannoon hojjetamaa jira.Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo bara kanaaf guutuu biyyattiitti biqiltuun miiliyoona 800 ol lafa heektaara kuma 200 fi kuma 91 fi 617 irratti kan dhaabamu ta’uu eeranii, kanaaf ammoo iddoowwan kumni 10 fi 941 adda bahaniiru jedhan.Haaluma Kanaan naannoo Oromiyaatti sagantaa dhaabbii biqiiltuu guyyaa tokkoo ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan miiliyoonni 400 fi miiliyoonni 76 fi kumni 600 ol irratti kan dhaabaman iddoowwan dhaabbii biqiltuu kumni 4 fi 801 kan lafa heektaara kuma 100 fi kuma 91 fi 290 uwwisan qophaa’uu kaasaniiru.Bifuma walfakkaatuun naannoo Amaaraattis iddoowwan dhaabbii biqiltuu biqiltuuwwan miiliyoonni 308.7 irratti dhaabamaniifi lafa heektaara kuma 68 fi 872 uwwisan kumni 3 fi 538 qophaa’uu ibsaniiru.Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaattis biqiltuuwwan miiliyoona 9.7 ol, naannoo Kibbaa Itiyoophiyaatti miiliyoona 41.3 ol, naannoo Sidaamaatti miiliyoona 10.1 ol akkasumas naannoo Somaaleetti biqiltuuwwan miiliyoona 2.9 ol dhaabuuf karoorfameera.Dabalataanis naannoo Kibba Lixaa Itiyoophiyaatti biqiltuuwwan miiliyoona 10.9 ol, naannoo Harariitti kuma 300, naannoo Tigraayitti kuma 500 fi kuma 35 ol, naannoo Afaaritti miiliyoona 4.1 ol, naannoo Gambeellaatti kuma 200 fi kuma 87 ol, magaalaa Finfinneetti miiliyoona 1 ol fi magaalaa Dirre Dhawaatti kumni 200 fi kumni 13 ol akka dhaabaman eeraniiru.Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kanaaf qophii barbaachisaan hundi xumuramuus ibsaniiru.Karoora guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf qabame kana milkeessuuf Itiyoophiyaanonni hundi Wiixata dhufu ashaaraa isaanii akka kaa’aniif obbo Yimar waamicha dhiyeessaniiru.Malaakuu Gaddifiin.#Oromia #Ethiopia