Jordaan Handarsan Bireentiford irraa adda ba’e

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 22, 2018 (FMC) — Taphataan sarara gidduu Ingilizii Jordaan Handarsan kilaba Bireentiford irraa adda ba’eera.Taphataan umurii waggaa 36 kun bara 2025 Ajax Amisterdaam irraa gara kilaba Priimer Liigii Bireentifoorditti akka makame ni yaadatama.Akka ‘The Athletic’ gabaasetti, Handarsan erga Bireentiford keessa waggaa tokko taphatee booda, waliigaltee irratti hundaa’uun kilabicha irraa adda ba’eera.Taphataan kun yeroo gabaa jijjiirraa taphattootaa bonaa Cheelsiitti makamuuf waliigaltee irra ga’eera. Waliigaltee hanga bara 2028tti turu ni mallatteessa jedhamee eegama.#Oromia #Ethiopia