Finfinnee, Adoolessa 26, 2018(FMC)- Yuuniivarsiitiin Naannoo Oromiyaa barattoota sagantaalee garaagaraa fi digirii 2ffaan leenjisaa ture 927 eebbisiiseera.Sagantaa eebbaa kanarratti Pireezidaantiin Yuuniivarsiitichaa Dooktar Garramoo Hulluuqaa akka jedhanitti, Yuuniivarsiitichi dhaabbilee biyya keessaafi alaa garaagaraa waliin ta’uun hojiilee qorannoo bu’aa qabeessa ta’an gumaachaa jira.Bu’aa qabeessumaa damee tajaajilaa naannoo Oromiyaa guddisuuf tattaaffii godhamu keessatti qooda isaa bahachaa akka jiru kaasanii, humna namaa gahumsa qabu horachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuuu eeraniiru.Itti gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Abdul’aziiz Daawud gamasaaniin, mootummaan naannichaa bu’aa qabeessummaa damee barnootaaf deeggarsa garaagaraa gochaa jiraachuu ibsaniiru.Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.#Oromia #Ethiopia