Marichi ajandaalee gara waraanaatti nu geessan irratti mari’achuun nageenya fiduu dandeessisa- Piroofeesar Masfin Ar’aayaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 24, 2018( FMC)- Marichi ajandaalee gara waraanaatti nu geessan irratti mari’achuun nageenya fiduu kan dandeessisu waan ta’eef uummanni abdiin eegaa jira jedhan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ar’aayaan.Piroofeesar Masfin Ar’aayaan adeemsa yaa’ii marii biyyaalessaa ilaalchisee ibsa kennaniin, Itiyoophiyaanonni biyya keessaafi ala jiran nageenyi akka mirkanaa’uufi mirgoonni isaanii akka kabajamuuf maricha irraa abdii guddaa qabaachuu dubbataniiru.Marichi ajandaalee waggoottaniif wal nufalmisiiseefi gara waraanaatti nu galchan irratti mari’achuun kallattii kaa’uun gara nagaatti akka dhufnu kan dandeessisudha jedhaniiru.Mari’attoonni yaadota fiixeetti bahaniifi walitti bu’iinsa uuman qabatanii dhufanis tattaaffiin gara giddugaleessaatti dhufuuf taasisan kutannoo marichaaf qaban mul’isa jechuun ibsaniiru.Gara yaada giddugaleessaatti dhufuun dhimma biyyaaf dursa kennuu akka ta’e hubatanii gaaffilee isaaniirra darbanii gaaffilee faayidaa waloo qaban kaasuu akka eegalan eeraniiru.Kunis yaa’ii ijoo yeroo itti aanutti gaggeeffamuu irratti gabbachaa miira biyyaaf dursa kennuun marichi cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.Hayilamaariyaam Taganyiin.#Oromia #Ethiopia