Finfinnee, Adooleessa 22, 2018 (FMC) – Yaa’iin Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa 49ffaan xumurameera.Miseensonni mana marichaa hojiiwwan tumsaa dhaabbilee garaagaraa waliin taasifamaa turan fi raawwii galmoota Gamtaa Afrikaa gamaaggamuun kallattii fuulduraa kaa’uun yaa’icha xumuraniiru.Dhimmoota humna Gamtaa Afrikaa ittiin cimsuun danda’amu irratti waliigaltee garaagaraas irra gahameera.Kana malees, Ajandaa 2063 Gamtaa Afrikaa milkeessuuf biyyoonni miseensaa ga’ee isaanii akka ba’atan miseensonni mana marichaa dhiibbaa barbaachisaa gochuu akka qaban hubannoon uumameera.Yaa’icharrattis Afrikaan dhaabbilee faayinaansii fi dhaabbilee idil-addunyaa keessatti hirmaannaa siyaasaa fi gahee murteessaa qabdu cimsuuf sagalee tokkoon dubbachuun barbaachisaa ta’uun ibsameera.Akkasumas, bakka bu’oonni biyyoota garaagaraa yaa’icha irratti hirmaatan gara biyyoota isaaniitti yeroo deebi’an waliigalteewwan irra ga’aman hojiirra oolchuuf xiyyeeffannaa addaa akka kennan gaafatameera. Ashannaafii Shibbiruutu gabaase#Oromia #Ethiopia