Finfinnee, Adoolessa 22, 2018 (FMC) — Itiyoophiyaan tasgabbii naannawaa mirkaneessuuf kutannoodhaan hojjechaa jirti jedhan Daayirektarri Jeneraalaa Itti Aanaan Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa, Dooktar Sisaay Tolaa.Dooktar Sisaay Ministir deetaa dhimmoota Baha Giddugaleessaa fi Afrikaa mootummaa Ameerikaa, Maark Miichel waliin mari’ataniiru.Wayituma kana dhaabbatichi Itiyoophiyaa keessatti invastimantii, daldalaa fi hojiiwwan biroo irratti abbootii qabeenyaa alaa bobba’an hundaaf naannoo nageenyaa fi tasgabbii amansiisaa uumuuf hojiiwwan barbaachisan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.Yeroo yeroon rakkoowwan nageenyaa mudatan furuun, naannolee biyyattii hunda keessatti nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojiiwwan bal’aan gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.Mootummaan Itiyoophiyaa tasgabbii naannawaa mirkaneessuuf tarsiimoo bu’aa waloo irratti hundaa’e qopheessuun, akkasumas ejjennoo cimaa qabaachuun hojiirra oolchaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbanni Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa immoo gama kanaan qophii gahaa qabaachuu agarsiisaniiru. Maark Miichel gama isaaniin, Ameerikaan dhimmoota tarsiimawoo ta’an irratti Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf kutannoo qabdu mirkaneessuu isaanii, odeeffannoon Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa Faanaa Diijitaaliif erge ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia