Finfinnee, Adoolessa 26, 2018(FMC)- Magaalaa Walisootti pirojektiin bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 400 fi miiliyoona 70 oliin ijaarame eebbifameera.Pirojektichi Ministeerri Bishaaniifi Inarjii, Mootummaa Naannoo Oromiyaafi bulchiinsa magaalichaan deeggarsa maallaqaa sagantaa ‘Waan Woosh’ jedhamu irraa argameen kan ijaarame ta’uun ibsameera.Pirojektiin kun jaraattota magaalaa Walisoofi naannawaa ishee kuma 100 fi kuma 56 ol fayyadamoo akka taasisus eerameera.Ministir Deetaan Ministeera Bishaaniifi Inarjii Ambaasaaddar Asfaaw Dingaamoo wayita kana, Pirojektiin kun guddina magaalattii kan bu’uureffate fi gaaffii rakkoo bishaan dhugaatii jiraattota irraa ka’u kan furu ta’uu ibsaniiru.Hoggantuun Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Injinar Miliyoon Baqqalaa gamasaaniin, Pirojektichi mootummaan naannichaa uwwisa bishaan dhugaatii guddisuuf kutannoon hojjechaa akka jiru kan agarsiisudha jedhan.Yeroo itti aanuttis magaalota xixiqqaafi giddugaleessaatti hojiileen dhiyeessii bishaan dhugaatii fi sirni dhabamsiisa balfa dhangala’aa ammayyaa kan hojjetaman ta’uu eeraniiru.Goohi Nugusuutu gabaase.#Oromia #Ethiopia