Finfinnee, Adoolessa 23, 2018(FMC)- Barattoonni miiliyoonni 8 fi kumni 900 fayyadamoo sagantaa nyaata barattootaa ta’aniiru jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan.Raawwii karoora bara 2018 fi karoora bara 2019 irratti hoggantoonniifi hojjettoonni Mininsteerichaa marii gaggeessaniiru.Piroofeesar Birhaanuu Naggaa waltajjicharratti akka jedhanitti, barnoonni agarsiistuu guddinas ta’ee kufaatii biyyaa waan ta’eef xiyyeeffannoon irratti hojjetamuu qaba.Waggoottan shanan darban keessa hojiileen qulqullina barnootaaf bu’uura ta’an hojjetamuu yaadachiisanii, hojii ijaarsaafi haaromsa manneen barnootaa sadarkaa isaanii eeggatanii akka fakkeenyaatti kaasaniiru.Manneen barnootaa bultii addaa naannolee hundatti ijaaramaa jiraachuus eeraniiru.Kitaabilee sadarkaa 2ffaa waliingahuu dabalataan naannolee deeggaruun kitaabilee manneen barnootaa oolmaa daa’immanii fi sadarkaa 1ffaa maxxansiisuun deeggarsi taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.Yuuniivarsiitiiwwan sagal adeemsa gara ofiin ofbulchuutti ce’uuf isaan dandeessisurratti akka argaman kaasanii, dhaabbileen barnoota olaanoo qabeenya qabaniin hojiilee baruufi barsiisuu, qorannoofi tajaajila hawaasa akka kennaniif sirni qophaa’ee hojiirra oolaa akka jirus ibsaniiru.Hojii waggoottan shanan darban keessa hojjetamaniin dandeettiin sagantaa nyaataa barattootaa guddachuu eeruun, yeroo ammaa dandeettiin sagantaa nyaata barattootaa miiliyoona 8.9 irra gahuu kaasaniiru.Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa hanna irraa bilisa gochuuf hojii hojjetameen kenniinsi qormaataa karaa oonlaayinii bara 2016 eegale bara kana %62 ol irra gahuu dubbataniiru.Bara dhufu barattoonni kutaa 12ffaa hundi qormaaticha karaa oonlaayinii akka qoramaniif hojjetamaa jiraachuu ibsuusaanii ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia