Haati Tokko Daa’ima Kiiloogiraama 6.4 ulfaatu deesse

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 23, 2018 (FMC)- ‎Godina Beenchi Shakkootti Haati tokko Daa’ima kiiloogiraama 6.4 ulfaatu nagaan deesseerti.‎Haati kun Hospitaala Yuunivarsiitii Miizaan Teeppiiitti hordoffii ogeeyyii yaala fayyaan taasifameefiin wal’aansa baqaqsanii yaaluun dahuu ishee Ispheeshaalistiin Ulfaa fi Gadammeessaa Dooktar Chuuchuu Araggaa ibsaniiru.‎Aadde Saayiluush kanaan dura daa’ima ishee lammaffaas kiiloogiraama 5 wal’aansa baqaqsanii yaaluun deesseerti.Tasfaayee Mirreessaatu gabaase.