Finfinnee, Adoolessa 26, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaanotaaf mariif taa’uun Xiinsammuu, aadaa fi seenaa dheeraa hawaasaa waliin hidhata gadi fagoo qaba.Abbaan tokko maatii isaa waliin mari’achuuf yeroo yoo dhabellee, yeroo hojiidhaa galee dhiyaana nyaatu, maatiin isaas ibidda marsaniif wayita walitti qabaman yookaan maaddichaaf yeroo boqotan eeggachuun mari’achuun aadaa ta’eera.Itiyoophiyaanonni qormaatilee gama hundaa kanneen akka hawaasummaa, dinagdee fi nageenyaa uummata waggoota hedduudhaaf mudatan waliin furuuf, yaada yaadaan bakka buusuu fi furmaata bocuuf humna marii fayyadamaa turaniiru.Ogummaan wal dhaggeeffachuu fi wal mari’achuu bara durii kun bu’uura marii biyyaaleessaa guddaa biyyattiin eegaltee fi dandeettii keessoo ijoo ta’ee tajaajilaa jira.Seenaa hawaasaa keessatti araarri kabaja guddaan kan ilaalamu yoo ta’u; waldhabdeewwan yeroo uumaman dubbichi gara walitti bu’iinsaatti osoo hin ariifatin abbootii fi haadholiin umrii, beekumsa, muuxannoo jireenyaa fi qulqullummaa isaaniitiin beekaman garaagarummaa karaa nagayaatiin furuudhaan araara buusu.Sirni kun murtii jal’aa dhabamsiisuun mariidhaan qaamolee lammiilee gidduutti walitti nagaa fi dhiifama kan buusu ogummaa durii yoo ta’u; dudha hawaasnis yeroo yeroon taa’ee mari’achuudhaan rakkoolee isaa waliinii furu, tokkummaa isaa ittiin cimsatu dhaEgaa dhimma kanarratti murteewwan kan darban sagalee caalmaan qofa osoo hin taane, tokkoo tokkoon miseensaa yaada isaa bilisummaadhaan akka calaqqisiisu carraa kan kennu aadaa wal dhaggeeffachuutiin yoo ta’u; akka aadaa Gadaa Oromoo, Jookaa Qicaa Guraagee, sirna Luwaa Sidaamaa fi sirna aadaa biyya keessaa birootti gaaddisa mukaa jalatti yookaan waltajjii marsaa irra taa’uudhaan sa’aatii dheeraaf mari’achuun kan itti walii galan agarsiistuu tajaajila haqaa ti.Mariin biyyaalessa Itiyoophiyaan yeroo ammaa geggeessaa jirtu boqonnaa seenaa aadaa marii kana gara caasaa ammayyaa ol’aanaatti ceesisee dha.Miidhaginni marii carraa hundi walqixxummaan kan itti ilaalamu waan ta’eef, mariin biyyaaleessaa yeroo ammaa ilaalcha hayyoota siyaasaa, kutaa hawaasaa, dubartoota, dargaggoo fi Abbootii Amantaa waltajjii marii tokko irratti hammachuudhaan waliigaltee biyyaaleessaa waloo kan uumuu dha.Garaagarummaan siyaasaa fi seenaa gadi fagoon biyya keenya keessa jiru furamuu kan danda’u humnaan osoo hin taane obsan, wal dhaggeeffachuu fi bilchina yaadaatiin qofa ta’uu isaa mariin biyyaaleessaa nu hubachiisa.Itiyoophiyaanonni durii mari’atanii fi walii galanii murteewwan dabarsuun akka biyya cimsanii nuuf akka kaa’an, hirmaattonni marii biyyaaleessaa har’aas marii fi waliigaltee irra ga’uun Itiyoophiyaa boru nagaa, haqaa fi bu’uura diimokiraasii irratti ijaaruuf utubaa kan ta’anidha.Mariin har’a qormaatilee gama hundaa biyyi keenya keessa jirtu cehuudhaan biyya tasgabbooftuu fi badhaatuu dhaloota dhufuuf dabarsuuf boqonnaa seenaa murteessaadha.Immabeet Siisaayiin#Oromia #Ethiopia