Finfinnee, Adoolessa 25, 2018 (FMC) – Mootummaan Ida’amuu muxannoowwan, Amantaalee fi aadaalee bu’uuraa akka ka’umsaatti fudhateera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Barii jijjiiramaa dhimmoonni deebii argachuu qaban yeroo gabaabaa keessatti deebii argataniiru jedhan Dooktar Abiy Ahimad Turtii Amaaraa Miidiyaa Korporeeshinii waliin taasisaniin.Mootummoonni naannolee gidduseentummaa tokko malee bilisummaan misoomaa fi nageenya isaanii akka gaggeessan taasifamuu himan.Seenessaa fi yaada dogoggoraa balleessuu fi furuuf mariin biyya keessaa fi murteen mootummaa gahaa waan tureef, rakkoon kana furuun danda’ameera jedhan.Hanqina paartilee siyaasaa hirmaachisuu ture sirreessuun waggoottan darban Paartilee morkattootaa hedduu waliin biyya bulchaa turre jechuun ibsan.Parlaamaa keessatti, Kaabinee keessatti, Paartii keessatti akkasumas seenaa dogoggoraa sirreessuun mootummaan hunda hammatu hundaa’uu eeranii; mootummaa yaadama mandhalee bu’uura godhate hundeessuu keessatti kan mootummaa Ida’amuun dorgomu hin jiru jedhan.Mootummaan Ida’amuu muxannoowwan, Amantaalee fi aadaalee bu’uuraa akka ka’umsaatti fudhachuu kaasan.Fakeenyaaf Sookoo fi soorgoon hiikaa dubbii dachaa lamaan waan hiikamuuf mootummaan Ida’amuu kana akka riqicha ce’umsaatti fudhachuu himan.Qonnaan bultootarraa muuxannoon Daaboo akka galtee tokkootti fudhatamuu kaasan.#Oromia #Ethiopia