Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 704 olii to’ataman- Komishinii Gumruukaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 24, 2018( FMC)- Komishiniin Gumruukaa Adoolessa 16-22, 2018’tti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 700 fi miiliyoona 4 olitti tilmaamaman to’atamaniiru jedhe.Meeshaalee kanneen keessaas Birrii miiliyoona 600 fi miiliyoona 61 fi kuma 100 kan tilmaamaman meeshaalee alaa galan yoo ta’an meeshaaleen ala-ergii ammoo Birrii miiliyoona 43 fi kuma 300’tti akka tilmaamaman eerameera.Shakkamtoonni meeshaalee kanneen daddabarsaa turan 34 fi konkolaattonni 14 to’atamuus ibsameera.Meeshaaleen to’atamanis uffannaalee, buna, midhaan dheedhii, jijjiirraa qaama konkolaataa, beelladoota, meeshaalee faayaa, qorichoota, maallaqa biyyoota garaagaraafi meeshaalee biroo ta’uu ragaan Komishinicharraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia