Itiyoophiyaa ammayyoofte ijaaruuf mareen biyyaalessaa murteessadha

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 25, 2018 (FMC) – Yaa’iin Maree Biyyaalessaa gaggeeffamaa jiru Itiyoophiyaatti nageenya waaraa fi tokummaa mirkaneessuuf adeemsa murteessadha.Adeemsichi walkabajuu, hirmaannaa lammiilee guddisuu fi waldhabdee karaa tasgabbii qabuun hiikuuf bu’uura ta’uu ibsame.Yaa’ichi lammiileen bilisummaan kan mari’atanii fi waliigaltee waloo uumuuf carraa seena qabeessaadha.Adeemsichi Itiyoophiyaanoonni hundi afaan ofiin yaadaa fi fedhii isaanii akka ibsatan kan dandeessiseedha.Itiyoophiyaanonni marii nagaa gaggeessuun Itiyoophiyaa ammayyaa ijaaruuf kallattiiwwan furmaataa kaa’uuf mari’achaa jiru.Furmaanniwwan gaaddisa tokko jalatti mari’achuun argaman egereef bu’uura jabaa kan kaa’an, boqonnaa nagaa fi dimokiraasii kan banan, akkasumas injifannoo waloo kan mirkaneessanidha.Yaa’iin Maree Biyyaalessaa Adoolessa 8, 2018 eegalame kun Itiyoophiyaanonni yaadama afaan qawwee fi humnaan mootummaa fonqolchuu dhiisanii, olaantummaa yaadaan akka hogganaman boqonnaa abdiin haaraa itti labsame ta’eera.#Oromia #Ethiopia