Gareen Seeraan alaa TPLF’ deeggarsa namoomaa faayidaa siyaasaa Isaaf oolchaa Jira – Komishinar Shifarraaw Taklamaariyaam

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 23, 2018 (FMC)- Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa Dooktar Shifarraaw Taklamaariyaam, Gareen seeraan alaa TPLF raabsa deeggarsa namoomaa faayidaa siyaasa ofii isaatiif olfaachaa jira jedhan.Gareen seeraan alaa TPLF deeggarsawwan ergaman namoota deeggarsa barbaadaniif osoo hin qaqqabiin sirna kaffaltii gibiraa (qaraaxa) garagaraa keessa galchuun lammiileen deeggarsa bu’uuraa akka dhaban gochaa jira.Imalli garichaa uummata Tigraay balaaf kan saaxiluufi kan miidhu ta’uus ibsaniiru.Dabalataanis, garichi bu’aa siyaasaa mataa isaatiif jedhee qaamolee isa ergataniif kan du’u ta’uu isaas ni agarsiisa jedhan.Amalli gareen Seeraan alaa TPLF wayita ammaa agarsiisaa jiru kan har’a uumame osoo hin taane, uummanni akka miidhamu gochuun hojii isaati jedhan.Akkuma beekamu gareen seeraan alaa TPLF waliigaltee nageenyaa Piritooriyaan argame cinaatti dhiisuun, ammas Shaabiyaa wajjin tumsuun ergamaa Gibxii ta’uun dibbee waraanaa dhaahaa jiraachuu dubbatan.Waraana kaabaan booda qabeenya barbadaa’ee fi miidhaa lubbuu guddaa qaqqabeen booda gaabbuu osoo qabuu, hoggantoonni garee seeraan alaa kun nageenya naannichaa irra deedeebiin balaa irra buusaniiru jedhan.