Finfinnee, Adoolessa 25, 2018 (FMC) – Laga ce’uuf waliin daakuu malee bishaan komachuun furmaata hin ta’u jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Lammiileen Itiyoophiyaa biyyoota alaas ta’ee biyya keessa jiraatan ilaalchi adeemsa jijjiiramichaaf qaban jijjiiramuun shallaggii dogoggoraa, faayidaa dhuunfaa fi gaaffii isaanii deebii dhabuu irraa kan madde ta’uu danda’a jedhan.Gareewwan/ilaalchaan wal qoqqoduun kun diyaaspooraa Amaaraa keessatti qofa osoo hin taane, namoota naannolee hunda keessaa dhufan birattis bal’inaan kan mul’atu ta’uu ibsan.Haa ta’uutii jijjiiramni gama dhaabbatanii wal qeequu qofaan kan hin dhufne ta’uu himuun, laga ce’uuf waliin daakuu malee callisii bishaan komachuun furmaata hin ta’u jedhan.Hundi waliin daakuun ijaarsa biyyaaf gahee isaa bahuu akka qabu ergaa dabarsan.#Oromia #Ethiopia