Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo boru geggeeffamuuf qophoofneerra – Jiraattota magaalaa Asallaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 26, 2017(FMC) – Magaalaa Asallaatti dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa boruuf qophoofneerra jedhan jirattonni magaalattii. Wixata boruu Itiyoophiyaanonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf beellama qabatanii dhihee bari’uu qofa eegaa jiru.Guyyaa kana isaan sabummaan, umriin, amantiin, ilaalcha siyaasaan, bu’uura kamiinuu utuu wal hinqoodin walfaana ba’uun ammas irra deebiin seenaa haaraa galmeessisuuf qophaa’aaniru.Warra qaama seenaa kanaa ta’uuf eegaa jiran keessaa jiraattonni magaalaa Asallaa isaan tokko. Jiraattonni magaalattii Faanaa Miidiyaa Korpooreeshin dubbise akka jedhanitti, biqiltuu dhaabuun egeree biyyaa itti fufsiisudha waan ta’eef, sagantaa biyyaalessaa kanarratti hirmaachuun galmee seenaarratti maqaa isaanii galmeessifachuuf qophaa’aniiru.Waamicha biyyi keenya nu waamte irratti hirmaachuun dirqama keenya ni baanaan jecha isaan murannoo isaanii ittiin ibsanii dha.Akka magaalaa kanaatti, Sanbata kaleessaa irraa eegalee biqiltuuwwan buufata irraa iddoo dhaabbiitti geejjibsiifamuun qophiin haal duree xumuramuu kan ibsan ammoo itti gaafatamtuu waajjira qonnaa bulchiinsa magaalaa Asallaa aadde Zannabeech Sa’iid. Jiraattonni dammaqinaan ba’anii saganticha irratti akka hirmaataniifis haalli miijachuu dubbatanii, namni kamuu waamicha seenaa kanarraa akka hin hafne dhaamaniiru.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad guyyaa afur dura lammiileen biyyattii duulaan ba’anii seenaa akka galmeessaniif ”ijoollee biyyakoo…” jechuun mararteen dhaamsa dabarsaniiru.Guyyaa seena qabeessa kana irratti hirmaachuun dhuguma seenaa dha.Faxxanaa Zawudeetu gabaase.#Oromia #Ethiopia