Oromiyaatti lakkoofsi miseensota inshuraansii fayyaa hawaasaa miiliyoona 32.6 irra gahe- Biiricha

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 23, 2018(FMC)- Naannoo Oromiyaatti lakkoofsi miseensota inshuraansii fayyaa hawaasaa miiliyoona 32 fi kuma 600 irra gahe jedhe Biiroon Fayyaa Naannichaa.Biirichi guyyaa har’aa gamaaggama hojii bara 2018 fi kallattii hojii bara 2019 Magaalaa Bishooftuutti gaggeessaa jira.Sadarkaa Pireezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti, Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Saadaat Nashaa saganticharratti, mootummaan naannichaa dhimma fayyaa hawaasaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjechaa akka jiru ibsaniiru.Fayyadamummaa uummataa haqaan milkeessuuf, dhaabbilee fayyaa babal’isuu, misoomsuu fi inshiteetiviin akka deeggaraman taasisuun jijjiirama olaanaan galmaa’uu eeranii, milkaa’ina kana keessatti hirmaannaan uummataa shoora olaanaa qabaachuu himaniiru.Bara baajataa 2019 tti hanqinoota bara 2018 keessatti mudatan maqsuun, kenna tajaajilaa fayyaa fooyya’aa fi saffisaa ta’een itti quufinsa hawaasaa milkeessuuf kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.Hooggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa, Proofeesar Natsaannat Warqinaa gama isaaniin, seektarri fayyaa rakkoolee hunda dandamachuun hawaasa fayyadamaa taasisuu ibsuun bara kana yeroo kamuu caalaa milkaa’iinni gurguddoon kan itti galmaa’edha jedhan.Kenna tajaajila fayyaa guddisuu fi waliin gahiinsa dhaabbilee fayyaa irratti xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa turuu kaasaniiru.Dhukkuboota daddarboo fi daddarboo hin taane irratti xiyyeeffannoo kennamee hojii hojjetamaa tureen jijjiiramni jiraachuu ibsuun, dhibee busaa iddoo tokko tokkotti rakkoo ta’ee tures gadi buusuun akka danda’ame dubbataniiru.Hawaasa caalaatti fayyadamaa taasisuufis, lakkoofsi miseensota inshuraansii fayyaa hawaasaa miiliyoona 32 fi kuma 600 qaqqabuu kaasanii,  bara kana galiin Birrii miiliyoonni 8 ol walitti qabamuu ibsuusaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia