Finfinnee, Adoolessa 24, 2018(FMC) – Uummatni Amaaraa daandiin Itiyoophiyaa seena qabeettii jabeessuu fi ittifufsiisuu danda’u daandii Ida’amuu qofa ta’uu yeroo itti hubatee dha jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy ahimad.Dooktar Abiy dhimmoota dinagdee, hawaasumaa fi siyaasaa adda addaa irratti Amaaraa Miidiyaa Korpooreeshin waliin gaaffii fi deebii geggeessaniiru.Gaaffii fi deebii kana keessatti haala naannoo Amaaraa jijiiramaan duraa fi boodaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.Ibsa isaanii keessattis, dhiphina dirree siyaasaa ture bal’isuuf tarkaanfii wayita jijjiiramaa sana fudhatameen ‘biimbiiwwan’ haala jijjiiramichaa sagalee olkaasanii wacuun gufachiisuu fi humnoota jireenya biyyattii hin barbaanne waliin ta’uun faayidaa biyyaalessaa dabarsanii kennuuf yaalan uumamuu hubachiisan. Qaamoleen abdiin wayita jijjiiramaa sana uumame gara dimimmisaa fi dukkanaatti akka jijjiiramuuf yaalan kunniin, naannoo Amaaraattis ta’e naannolee birootti uumamuu dubbatan.Kanaanis abdii fi simannaa gaariin wayita sana uummata Amaaraa biratti mul’ate boora’ee uummanni shakkii fi naasuu keessa akka seenuuf yaaluu ibsan.Bubbilee dubbiin ifaa yemmuu dhufu garuu, uummanni daandiin Ida’amuu filmaata tokkicha dorgomaa hinqabne ta’uu fi tattaaffiin badhaadhinaaf godhamu tattaaffii sirrii ta’uu hubachaa akka dhufe kaasan.Kanas jedhan Dooktar Abiy, filannoo barana geggeeffameen daandii Ida’amuu filachuun sirriitti mirkaneesseera jedhan.Amma uummanni Amaaraa daandii sirriin tokkichi Itiyoophiyaa ittiin jabeessuun danda’amu, walitti dhufeenyaa fi tokkummaa seenaa keessatti ture sana fooyyessuu fi bal’isaa deemuutu biyya seena qabeettii kana cimsuu fi itti fufsiisuu danda’a amantaa jedhu irra akka ga’e hubachiisaniiru. Yoonaataan Biraanuutiin#Oromia #Ethiopia