Tigraayitti barattoonni kutaa 12ffaa qormaata biyyaalessaa fudhachaa jiru

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 22, 2018(FMC)- Naannoo Tigraayitti barattoonni kutaa 12ffaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachaa jiru.Barattoonni kunneen giddugala qormaataa Yuuniivarsiitiiwwan Finfinnee, Maqaleefi Aksuumitti fudhachaati kan jiran.Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Piroofeesar Kindayyaa Gabrahiwoot turtii Faanaa Miidiyaa Korporeeshin waliin taasisaniin, tattaaffii mootummaan federaalaa taasise hordofee yeroo ammaa barattoonni gara kutaalee qormaataatti seenaniiru jedhan.Itti aanaan Daayerktara Olaanaa Tajaajila Barnootaafi Madaallii Qormaataa Tafarraa Fayisaa gamasaaniin, qormaatichi jalqabuun carraan egeree dargaggoota naannichaa akka sirratuu fi barnoota isaanii akka itti fufaniif kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.Milkaa’ina qormaatichaaf hojiilee qophiin duraa barbaachisoo ta’an hojjechuun barattoonni dhamaatiifi yaaddoo tokko malee akka qoramaniif ogeeyyiin nageenyaafi barnootaa deeggarsa qindaa’aa taasisaa jiru jedhameera.Barattoonni naannichaa kumni 30 ta’an Yuuniivarsiitiiwwan Finfinnee, Maqaleefi Aksuumitti waraqaa fi karaa oonlaayinii kan fudhatan ta’uus eerameera.Barattoonni naannichaa sababa badii garee seeraan alaa ABUT’n barnoota isaanii addaan kutanii turan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa giddugaloota garaagaraatti fudhachaa akka jiranis ibsameera.Wayita dargaggoota waraanaaf hiriirsuun eenyummaa isaa kan ta’e gareen seeraan alaa ABUT miidhaafi gidiraa uummatarraan gahu itti fufetti qormaatichi kennamuun adeemsa farra uummataa garichaa ifatti mul’isa.Shiraafi hojii farra nageenyaa garichaan barattoota dhiibbaa xiin-sammuuf saxilamanii turaniif mootummaan ida’amuu deeggarsaafi hordoffii walitti fufiinsa qabu gochuufiin qormaataa akka fudhatan taasifamuun kaayyoo mootummaan ida’amuu dhaloota baraaruuf qabu ifatti kan agarsiisudha.Gizaachoo Girmaayeen.#Oromia #Ethiopia