Ashaaraan Magariisaa Eegumsa Sululaa Cimsuun Nageenya Hidhawwanii fi Maddawwan Bishaanii Guddisaa Jira – Dooktar Habtaamuu Ittafaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 26, 2018 (FMC) – Ashaaraan magariisaa eegumsa sululaa cimsuun nageenya hidhawwanii fi Maddawwan bishaanichaa guddisaa jira jedhan Ministirri Bishaanii fi Inerjii D00ktar Habtaamuu Ittafaa.Akka Dooktar Habtaamuun jedhanitti, waggoota darban keessa biqiltuuwwan sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman karaa bal’aan jireenya Itiyoophiyaalotaa jijjiiraa jiru.Carraan diinagdee sagantichaan uumames omishtummaa qonna kuduraa fi fuduraa guddisuun guddina daldala alaatiif gahee olaanaa taphachaa jira.Balaa dhiqama biyyee ittisuu bira darbee, bishaan lafa keessa akka seenu gochuun sadarkaan bishaan maddawwan uumamaa, boollaa fi laggeenii akka dabalu gargaaraa jira. Dhiqama biyyee hir’isuunis, gabbina biyyee eeguu fi sirna ikooloojii sululaa cimsuun maddawwan goggogan akka deebi’anii maddan gargaaruu ibsaniiru.Kunis qorannoowwan sulula Abbayyaa, Awaash fi laggeen Itiyoophiyaa biroo irratti geggeeffamaniin mirkanaa’uu eeraniiru.Maddawwan bishaanii goggoganii fi badanii turan akka deebi’an gochuun fi yeroo roobaa balaa lolaa uumamu hir’isuun eegumsa biyyee fi bishaaniitiif gumaacha olaanaa taasiisaa jiraas kaasan.Deebi’uun Hara Maayaas seenaa eegumsa ikooloojii fi misooma sululaa Itiyoophiyaa keessatti milkaa’ina gurguddoo galmeeffaman keessaa tokko ta’uu eeraniiru.Ashaaraan magariisaa eegumsa sululaa cimsuun nageenya hidhawwanii fi maddawwan bishaanii eegaa jiraachuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.#Oromia #Ethiopia