Karoorri tarsimoowaan Itiyoophiyaa qaroominatti ceesisu hojiitti hiikamaa jira – Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 22, 2019 (FMC) – Karoorri tarsimoowaan Itiyoophiyaa qaroominatti ceesisu hojiitti hiikamaa jira jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Akeeka kanaan, Mootummaan Jijjiiramaa rakkoowwan nam-tolcheefi uumamaa turan gara carraatti geeddaree bu’aawwan jajjaboo gama hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaan galmeessaa jira.Qaroominni amma ijaarru duudhaa ganamaa keenyarratti akka bu’uureeffatu gochuuf falaasama ida’amuutiin karoorsinee, beekumsa walootiif barnoota Gadaafi Safuu, haqa walootiif Mana Murtii Aadaa, misooma walootiif Tajaajila Lammummaa, nageenya walootiif Gaachana Sirnaa jaarmiyaan idileessinee sirna ijaaraa jirra.Itiyoophiyaan biyya guddoo taatee osoo jirtuu haga maqaa gahuu hin dandeenye. Qabeenya uumamaafi nam-tolchee heddu osoo qabduu, waan beekumsaan sirnaan hin hoogganamneef humna qabatamaatti jijjiiruu dadhabdee hiyyummaaf fakkeenya ta’aa baate.Seenaa mootummaa bara dheeraa qabaattus, sirna bulchiinsaa ammayyaa’ee rakkoo uummataa furee biyya ceesisu ijaaruuf rakkachaa turteetti.Haala teessuma lafaa ofirra darbee addunyaa irratti dhiibbaa uumuu danda’u qabaattus, dhimma itti hin baane. Kanarraa kan ka’e biyya gumbii midhaaniirra teessee beeloftu, kan burqaa bishaanii qabaattee dheebottu, uummata osoo qabuu dhabe taanee turre.Ganni dukkanni darbuun isaa seera uumaati. Roobni gannaa, milkiis dhiisee darba. Bishaan roobaa lafa seenee, dachee quubsee biqilaaf tola; sanyii faca’e magarsee, bilcheessee, ilillii birraa daraarsee abdii namatti hora. Ililliin birraa foolii tola, halluu bareedaafi bifa hawwataa qaba.Sanyiin midhaanii marges birraa firii guuttata. Oromoonis kanaaf birraaf bakka guddaa qaba.Jijjiiramni uummanni keenya qabsaa’ee fidates birraadhaan fakkeeffama. Mul’anni birraa Itiyoophiyaaf qabanne: biyya tokkummaa cimaa qabdu, birmadummaan ishii tikfame, kan baay’inaan oomishtu, rakkoo bifa kamuu dandamattee Afrikaaf adda durummaan fakkeenya taatu ijaaruudha.Karoorri tarsimoowaan Itiyoophiyaa qaroominatti ceesisu hojiitti hiikamaa jira.Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa xumuramuun, Mariin Biyyoolessaa haala milkaa’een taa’amuun, ijaarsi warshaalee xaa’oofi boba’aa eegalamuun, akkasumas ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu jalqabamuun biiftuun qaroomina Itiyoophiyaa quuqxee bahaa jiraachuuf agarsiistuu muraasa.Gaaffii qabsoo uummanni Oromoo afaan, aadaafi duudhaasaa guddifachuuf taasise guutummaatti deebisuuf misooma aadaatiin Irreechi Hora Finfinnee malkaasaatti deebi’ee sirnoomuun, Irreechi Hora Har-sadee bareedina Magaalaa Bishooftuun kuulamee olka’ee kabajamuun fakkeenya ijoodha.Ifti jijjiiramaa Itiyoophiyaaf bahuu eegale kun dukkana, rooba, dhoqqeefi mucuca gannaa kamiinuu kana booda gufachuu hin danda’u. Qormaatileen garuu ammas jiru. Qormaatileen kunneen humna Itiyoophiyaafi uummatashiiti gadi.Amma, uummanni Itiyoophiyaa tokkummaa isaa cimsee, obbolummaa dagaagsee, jaalalaan ida’amee qaroomina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf tumsaa jira.Nus akka mootummaa sagalee uummataan filameetti, Yaadama Ida’amuu duudha keenyaarraa maddeen qaroomina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf cichinee hojjachaa jirra.Gama biraatiin diinaafi baandaa ‘ani foon malee hin nyaatin; hoolaan koo garuu hin tuqamin!’ jedhan dura dhaabbannee faayidaa biyya keenyaa kabachiifna.Obbolaa keenya karaa dogongoraa qabatanii faallaa biyyasaanii dhaabbataniif, akkuma mammaaksi Oromoo jedhe ‘Bakka oolan irra bakka bulantu caala!’ waan ta’eef, ammas fuulasaanii nagaatti yoo deebisan, balballi nagaa akkuma banametti jiraachuu irra-deebi’een mirkaneessa.#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa