Finfinnee, Fulbaana 23, 2019 (FMC) – Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa imaanaa seena qabeessa, birmaddummaa fi cichoomina ummata ishee hinsarmine kabajaa fi injifannoon eegsisee dhalootaa dhalootatti kan darbe, ragaa jiraataa guddummaa keenyaa ti.Raayyaan Ittisaa keenya gootummaa abbootii irraa dhaale, dandeettii teeknooloojii fi caasaa ammayyaa waliin guddisee daangaa biyya keenyaa fi nageenya ummataa cichoominaan eeguu qofa osoo hin taane, tokkummaa sabdaneessaa cimaa Itiyoophiyaanotaa fi hafuura bilisummaa kan labsu utubaa biyyaalessaa guddaa dha.Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa seenaa gootummaa fi gaachanummaa abbootii keenyaa qofa kan dhaale osoo hin taane, har’as eegduu birmaddummaa fi walabummaa biyya keenyaa cichoominaan itti fufsiisuu eegduu birmaddummaa fi bilisummaa keenyaa ta’ee dha.Yeroo ammaa Raayyaan Ittisaa dandeettii humna namaa qofa osoo hin taane, teeknooloojii waraanaa fi guddina indaastiriiwwan biyya keessaa irratti ce’umsa caasawaa guddaa taasisaa jira.Dhaabbilee biyya keessaa kanneen akka waarshaa dhukaatotaa Hoomeechoo Meeshaalee Waraanaa fi Eeroonootiksii Iskaaywaard fayyadamuudhaan, xiyyaarota nam-maleeyyii biyya keessatti oomishuu, meeshaalee waraanaa ulfaatoo fi taankiiwwan injinariingii deebisanii suphuun haaromsuu fi fooyyessuu irratti dandeettii isaa guddisuu danda’eera.Kana malees, hubannoo namtolchee fi nageenya saayibarii waliin walitti hidhamiinsa ammayyaa taasifameen, Raayyaan Ittisaa sodaawwan waraanaa yeroo ammaa jiran dandeettii fi beekumsa mataa isaatiin gahumsaan ittisuuf dandeettii tarsiimawaa horateera.Humni isaa ammayyaa’aa kun ammayyaa biyya balaa keessaa fi alaa irraa eeguun alatti, ergamoota nagaa eegsisaa Gamtaa Afrikaa keessatti hirmaachuun tasgabbii naannawaatiif, akkasumas dhiibbaa Itiyoophiyaan ardicharratti qabdu guddisuuf gahee olaanaa bahachaa jira.Walumaagalatti, Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa dhaabbata qormaatawwan seenaa keessatti qorame, saayinsii fi teeknooloojii ammayyaatiin cimee fi humna misooma Itiyoophiyaa mirkaneessuuf gaachana jiraataa biyya keenyaa ta’ee tajaajilaa jira.Sosinaa Alamayyoon#Oromia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa