Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Abiy Ahmed, ayyaana Irreechaa boru kabajamu ilaalchisee ergaa dabarseen, uummanni Itoophiyaa tokkummaa isaa cimsatee nagaa, araaraa fi obbolummaa dagaagfachuu akka qabu waamicha dhiheesse.Abiy, ergaa isaa keessatti, Irreechi yeroo Oromoon dukkana gannaa keessaa ba'ee rooba dabarseef Waaqayyoof galata galchuu fi kan dhufuuf abdii qabaachuuf malkaa bu'u ta'uu ibse. Jijjiirama Itoophiyaa keessatti mul'achaa jiru ammoo "birraa" waliin walbira qabee ibse.Ergaan kun kan dhufe yeroo Itoophiyaan rakkoo nageenyaa fi dippilomaasii keessa jirtutti.