Finfinnee, Fulbaana 22, 2019 (FMC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan Ayyaana Irreechaa bara kanaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.Irreechi ayyaana galateeffannaa qofa osoo hintaane, hariiroo namaafi Uumaa, namaafi umamaa, namaafi namaa, akkasumas dhaloota darbeefi dhaloota dhufu gidduu jiru haaromsuuf riqicha cimaadha jedhan ergaa isaaniin.Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.Hunda dura, ummata Oromoo, ummattoota biyya keenyaa, akkasumas firoottan ummata keenyaa maraan baga jala bultii Ayyaana Irreechaa bara 2019’n isin gahe; baga booqaa birraa geenye!Har’a Irreechi hirmaattota duudhaa, amantaa, afaaniifi seenaa garagaraa qaban akkasumas daangaa siyaasaa cabsuun miliyoonota walitti fiduun mallattoo tokkummaa,walmararfannaa, walhubannaafi nagaa ta’eera. Ummata Oromoo qofa osoo hintaane, namoonni duudhaa, amantaa, afaaniifi seenaa garagaraa qabanillee Irreecha kabajuun mijuu eebbafi gammachuu isaarraa qooddachuu irratti argamu.Ummanni Oromoo, Irreecha ayyaana galateeffannaa, araaraafii dhiifamaa taasifachuun diroo hulluuqee umama jiidhaa qabatee, Uumaa isaaf sirna galatoo itti dhiyeessudha. Irreechi ayyaana galateeffannaa qofa osoo hintaane, hariiroo namaafi Uumaa, namaafi umamaa, namaafi namaa, akkasumas dhaloota darbeefi dhaloota dhufu gidduu jiru haaromsuuf riqicha cimaadha.Akkuma ofbeekuufi hidda ofii tiksuun gaarii ta’u, dorgommiifi ariitii jijjiirama addunyaa adeemaa jiru waliinis tarkaanfachuun dhimma saphatti irra lufamu miti. Aadaan imala seenaa keessatti dhaloota waliin tarkaanfataa akka deemu taasisuun barbaachisaadha. Ayyaana kana waggaatti kabaja guyyaa tokkoon bira darbuun gahaa miti; qorannoo gaggeessuu, sirnaafi duudha isaa galmeessuun dhaloota barsiisuu, aartii, afaaniifi teknoolojii baraa waliin walqabsiisuufi addunyaaf beeksisuun ittigaafatamummaa keenya keessaa isa tokko ta’uu qaba. Duudhaafi aadaan keenya taateewwan guyyaa tokkoorra ceesisuun akka madda beekumsaa, kalaqaa, tokkummaafi dandeettii dhalootaa ta’utti guddifachuu barsiifata guyyaa guyyaatti fiduu qabna.Mootummaan Naannoo Oromiyaa, bu’uura yaadama Ida’amuu, Looreeta Nagaa Addunyaa, Mummee Ministiraa Keenya Abiyyi Ahmadiin (PhD) barreeffameetiin, Haaromsa Aadaa Oromoo labsuun ce’umsa dinagdee, beekumsa, aartii, aadaafi miidiyaafi kominikeeshinii irratti tarkaanfiilee bu’uura ta’uu danda’an fudhachaa jira. Mootummaan, aadaa ummata keenyaa akka taateewan tasa kabajamanii darban osoo hintaane dhimma eenyummaafi birmadummaa jabana hulluuqu taasisee ilaala. Irreechi ammarratti humna of ittisuu horatus, mootummaan keenya harcaatii, dagannaafi moggeeffama aadaa kamiifuu araarama tokko kan hinqabne ta’uu hubachiisun barbaada.Bu’uura kanaan, Irreechi bara baraan kabajaafi ulfina ummata Oromoo madaaluun akka kabajamu, Irreechaarratti qorannoofi qo’annoon akkasumas, mariin paanaalii akka dhiyaatuuf tumsa barbaachisu taasisaa tureera. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Irreechaa dabalatee, Sirnoonni Addababayii Ummata Oromoo hambaa kiliyaa dhala namaa ta’uun, Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa (UNESCO)’tti akka galmaa’u, hojjii jalqabe cimsee kan ittifufu ta’uu asuman mirkaneessuun barbaada.Ayyana Gaarii!#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa