Daandiiwwan Ayyaana Irreechaa Hora Harsadeef cufaman ifooman

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 22, 2019 (FMC) – Komiishiniin Poolisii Oromiyaa Ayaana Irreechaa Dilbata dhufu Bishooftuu Hora Harsadeetti kabajamu sababeeffachuun daandiiwwan cufamanii fi konkolaattota dhorkaman ifoomseera.Haaluma Kanaan:-Fulbaana 22 guyyaa sa’aatii 10:00 irraa eegalee hanga Fulbaana 24/ 2019 sa’aatii guyyaa 6:30tti Sulultaa irraan gara Finfinnee kan seenan magaalota Caancoo fi Fichee akka dhaabatan, Laga Xaafoo Laga Daadhii irraan Finfinnee kan seenan magaalota Shanoo fi Sandaaffaa Bakkee akka dhaabatan,Buraayyuu irraan Finfinnee kan seenan magaalaa Hoolataa akka dhaabatan, Sabbataa iraan finfinnee kan seenan magaalaa Walisoo akka dhaabatan, Adaamaa irraan Finfinnee kan seenanii fi ba’an daandii Saffisaa qofaa akka fayyadaman ajajeera.Gama biraatiin baajaajonnii fi taaksiiwwan magaalaa Bishooftuu keessatti argaman Fulbaana 23, 2019 ganama sa’aatii 12:00 irraa eegalee mana isaanii akka dhaabatan Komiishinichi ajaja dabarseera.Konkolaattota manaa fi uummataa hirmaattota ayyaanichaa fidanii dhufaniif, akkasumas kanneen biroon kallattiima dhufaniin bakki dhaabatan ga’aan waan qophaa’eef, iddoowwan kanneeniin alatti daandii irraa fi hooteelota cina konkolataa dhaabuun kan hin danda’amne ta’uu komiishinichi akeekkachiiseera.#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa