Finfinnee, Fulbaana 22, 2019(FMC) – Ministirri Muummee Ittaanaan Obbo Tamsgeen Xurunaa ayyaana Ireechaa guddicha ilaalchisuun ergaa baga ittiin isin ga’ee dabarsaniiru.Obbo Tamsgeen ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, baga Ayyaana Irreechaa Guddichaan nagaan isin ga’e jedhan.Irreechi ayyaana galataa bareedaa, hawaasni Oromoo rooba fi qormaata gannaa keessa darbee, waqtii midhaan itti bilchaatutti miidhagina magariisaa fi abaaboon faayamee, Uumaa isaatiif galata itti dhiyeessu ta’uus ibsan.Akkaa ergaa isaaniin ibsanitti, Irreechi mallattoo waliin jireenyaa, kan darbe galataan yaadatu, kan amma jiru nageenyaan kabaju, kan dhufu immoo abdii fi hawwiin simatuudha; Ummanni eebba argateef galata dhiyeessa; bara haaraas nageenyi, eebbi fi badhaadhinni akka itti dagaaguuf kadhata.Itiyoophiyaan duudhaalee waloo ishee kanneen akka Irreechaa irratti hundaa’uun, garaagarummaa ishee gara tokkummaatti, tokkummaa gara humnaatti, humna gara misoomaatti, misooma ishees gara badhaadhina waloo fi qaroomina waloootti jijjiiruuf karaa ittiin imaltu cimsachaa jirti.Barumsi guddaan Irreechaa yeroo tokkummaan dhaabannu humni keenya akka dabalu; yeroo wal-deeggaraa deemnu abjuun keenya fagoo gara dhugaa dhihootti akka dhufu, yoo waliin hojjenne immoo abdii keenya waloo gara bu’aa qabatamaatti jijjiruu akka dandeenyuu dhas jedhan.Ayyaanotni keenya ka’umsaan naannoo tokko irraa kan maddan ta’anis, adeemsa keessa ayyaanota hunda keenyaa ta’aniiru; Nutis addunyaaf gumaachineerra; Isaan nu kabachiisu; walitti nu hidhu; nu badhaasuS jechuun ibsaniiru.Irreechi ayyaana bu’uura waloo nageenyaa, cimina waliin jireenyaa fi ifa egeree keenya daran ifsu haa ta’u jechunis hawwii qaban ibsaniru.#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa