Finfinnee, Fulbaana 23, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan yaa’ii Konvarjansii Daldalaa Afrikaa bara faranjootaa 2017 gaggeeffamu akka qopheessituuf filatamte. Yaa’ii Konvarjansii Daldalaa Afrikaa Zaambiyaatti gaggeeffame irratti Itiyoophiyaan sanada caalbaasii dhiyeessiteen injifachuun yaa’icha akka qopheessituuf filatamteetti. Ogeeyyiin, hoggantoonni damee daldalaa, qaamoleen imaammata baasan fi dhaabbileen deeggartoota misoomaa biyyoota Afrikaa yaa’icharratti ni hirmaatu. Kunis dandeettii gama maraa Itiyoophiyaan qabdu mul’isuufi qaamolee qooda fudhattoota garaagaraa waliin walitti hidhamiinsa uumuuf carraa guddaa akka uumus eerameera. Itiyoophiyaan yaa’icha akka qopheessituuf filatamuun cimina waldaaleen ogeeyyii biyyattii qaban fi qooda isheen sosochii daldalaa Afrikaa keessatti qabdu kan agarsiisu ta’uunis ibsameera. #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa Zaman Bayyanaan.