Qindoominni diinonni Itiyoophiyaa jeequuf uuman fashalaa’aa jira – Dooktar Abrahaam Balaay

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 23, 2019 (FMC) – Qindoominni diinonni alaa fi gantoonni keessaa waliin ta’uun Itiyoophiyaa jeequuf uuman humnoota nageenyaatiin maseenaa jiraachuu Dooktar Abrahaam Balaay ibsan.Dooktar Abrahaam Balaay haala yeroo irratti Faanaa Miidiyaa Korporeeshin waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin akka ibsanitti, seenaa keessatti diinonni Itiyoophiyaa beekaman, Itiyoophiyaan jeequmsa keessa akka turtu barbaadan, qindaa’uun hojjechaa jiru.Diinonni Itiyoophiyaa gantoota keessaa waliin qindaa’uun haleellaa bananis, Raayyaa Ittisa Biyyaatiin duubatti deebifamaa jiraachuu ibsaniiru.Itiyoophiyaan akka hincimneef humnoonni alaa keessumaa Eertiraan (Shaabiyyaan), gqre3 se3raan alaa ABUT fi humnoota nageenya faallaa ta’an biroo waliin qindaa’uun meeshaa waraanaa hidhachiisuu fi loltoota bobbaasuun waraana keessatti kallattiin hirmaachaa turuu eeraniiru.Haa ta’u malee, dhaabbileen nageenyaa Itiyoophiyaa naamusa waraanaa olaanaa, dandeettii tekinooloojii fi qophii gahaa qaban fayyadamuun ergama humnoota badii maseensaa akka jiran ibsaniiru.Keessumaa, ummanni Tigraay daandii badii garee kanaa hubachuun dugda waan itti garagalcheef kaayyoon qindoomina badii kanaa galma ga’uu akka hin dandeenye Dooktar Abrahaam Balaay ibsaniiru.#Oromia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa