Waliigalteen Nageenyaa Piriitooriyaa bu’aa fedhii cimaa mootummaan Itiyoophiyaa nagaaf qabuu ti– Dooktar Abrahaam Baalay

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 24, 2019 (FMC) – Waliigalteen Nageenyaa Piriitooriyaa bu’aa fedhii cimaa mootummaa Itiyoophiyaa nagaaf qabuu ti jedhan Dooktar Abrahaam Baalay.Dooktar Abrahaam Baalay Faanaa Miidiyaa Korporeeshin waliin dhimmoota yeroo irratti turtii taasisaniin, Waliigalteen Nageenyaa Piriitooriyaa waraana kaaba Itiyoophiyaa dhaabuu kan dandeessise murannoo mootummaan federaalaa mariidhaaf qabu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.Moorummaan Itiyoophiyaa waraana dirqamee kan itti seene ta’uu gareen seeraan alaa ABUT yeroo adda addaatti ragaa ba’uu kan yaadachiisan Dooktar Abrahaam, dhuma waraanichaarratti waliigaltee kana mallatteessuun danda’amuus ibsaniiru.Mootummaan waraana humnaan xumuruuf dandeettii guutuu osoo qabu, gara marii nagaa deemuun isaa rakkoon kun biyyarratti miidhaa hamaa fiduu akka danda’u hubachuun ta’uu kaasaniiru.Adeemsa kana keessatti lubbuu nama tokkoo illee oolchuun bu’aa guddaa qabaachuu hubachuun mootummaan gara marii nagaatti seenuu kaasanii, Waliigalteen Nageenyaa Piriitooriyaa bu’aa fedhii cimaa mootummaan Itiyoophiyaa nagaa cimsee barbaaduu ta’uu dubbataniiru.Nagaan yoo jiraate, ajandaa hunda galmaan ga’uun akka danda’amu kan eeran Dooktar Abrahaam, rakkoolee mudatan marii fi waliin dubbachuun furuun akka aadaa ta’uuf mootummaan Itiyoophiyaan tattaaffii cimaa gochaa turuus himaniiru.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa