Somaaliyaan Itiyoophiyaaf ulaa galaanaa kennuuf qophiidha- Hasan Sheek Mahaammud

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 23, 2019 (FMC) – Somaaliyaan Itiyoophiyaaf ulaa galaanaa kennuuf qophiidha jedhan Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud.Hasan Sheek Mahaammud Somaaliyaan Itiyoophiyaaf buufataalee ishee   lamaa hanga sadii Itiyoophiyaan akka fayyadamtuuf kennuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Pireezidaanti Hasan Sheek Mahaammud turtii Aljeezraa waliin taasisaniin, haala bulchiinsa itti fayyadama buufataalee kanneenii ilaalchisee waliigalteewwan diinagdeefi sirnoonni kaffaltii qophaa’uu akka danda’an eeraniiru. #Oromia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa