Finfinnee, Fulbaana 24, 2019(FMC) – Tokkummaan keenya Utubaa Amansiisaa Itoophiyaa Ceesisu Ta’uu Agarsiifneerra jedhan Pireezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.Obbo Shimallis ayyaanni Irreechaa milkiidhaan xumuramuu ilaalchisuun 3rgaa dabarsaniin qaamolee milkaa’ina ayaanichaaf tumsaan hunda galateeffataniiru.Ergaan isaanii guutuun akka itti aanutti dhiyaateera.Irreechi bara 2019 alaa manaan wayyoomeera. Waatiifi maatiin golaafi goorrootti, sabaanis bantii duudhaafi safuu keenyaa Malkaa Finfinneefi Hora Harsadeetti Irreeffannee milkoofneerra. Milkiinis qajeelee abbaan sirnichaa Oromoonis ayyaanomeera. Uummatni naannoofi biyya keenyaa martii baga hoofkaltan; baga waliin hoofkalle.Irreechi ayyaantummaadha; ayyaantummaanis waggaa maree dhufu nagaa, eebbaafi milkaa’ina fidee dhufa. Malkaa Finfinneefi Hora Harsadeetti Irreeffannee irraa goras hooddachuun injifannoo keenya tikfachaa tokkummaa keenyas jabeeffachaa bara haaraatti ceeneerra. Uumaan keenya ba’aafi galatti nu gargaaree gufuufi gufaata nu baraaree galateeffannaa keenya kan nuuf simate inni haa ulfaatu. Irreechi tokkummaa, nagaafi jaalala humna walooma keenya jabeessuun tokkummaa keenyas bu’uura jabaarratti bu’uuressaa dhufedha. Irreeffannaa keenya bara kanaatiinis tokkummaa keenya cimsinee obbolummaa sabootaas mirkaneessuun ijaarsa waliigaltee biyyaalessaaf humna taaneerra. Imala ijaarsa biyyaa keessatti boqonnaa haaraa saaqamaa jiruun Oromoon karaa hin reeqqifneen Oromiyaa ijaaraa, Itoophiyaa Utubaa duudhaa eenyummaasaa itti fufuu akka danda’u agarsiifneerra. Wayyoomni jabaafi ilaalamni guddaan kun waan guyyaa tokkotti uumame osoo hin taane falaasama jireenyaafi sansaka namoomaa qormaatota injifatee jiraataa kan dhufe itita safuufi aadaa Oromoo; icciitii tokkummaan ijaaramedha.Oromummaan tokkummaadha; kabajaafi jaalala waloomaa keenya tiksu; mana eenyuyyuu, sababa kamiinuu harkasaa irratti olkaasuu hin qabne ta’uu akka hubatamun barbaada. Duudhaan keenyas guddaadha; safuun keenyas idil-addunyaawaadha. Ilaalamni keenyas maxxanaa miti; ofdanda’aa ta’uusaa miraan osoo hin taane beekumsa ogummaan masakameen hunduu hubachuun qajeelfamee akka ittiin jiraatu hubachiisuun fedha. Imala ijaarsa Itoophiyaa aarsaa nu gaafatu hunda kaffallee itti gaafatamummaa seenaa nu harka jiru milkeessinee yeroon Afrikaaf ifa taanee Addunyaa raajeffachiifnu ga’eera. Hoggansa tarsiima’aa kana milkeessuuf uummata qorqalbiin guutuu ilaafi ilaameen qajeelfamee mareefi marabbaan bulu horachaa dhufneerra. Kanaafis dambaliin kabaja Ayyaana Irreechaa Malkaa Finfinneefi Hora Harsadeerratti argame qaama injifannoo kanaati. Sabootni, sablammootniifi uummattootni Irreecha irratti argamuun nu waalchitan hundi kabajamaa ulfina argadhaa. Waloomni keenya kabaja biyyaati. Waliin milkoofnee waliin waggaa haaraatti ceeneerra. Mootummaan Naannoo Oromiyaa walooma kana bu’uura amansiisaa irratti dhaabuuf cimsee kan hojjetu ta’a. Lammilee biyya alaa duudhaafi safuu keenya daawwatamee hin quufamnetti boqotan jaalala Oromummaan simannee ulfina itti agarsiifneerra. Obbolootni keenya biyya alaafi keessaa Irreechaa xiyyeeffannoo Addunyaa akka ta’uuf hojjettan galatoomaa ulfaadhaa jenneerra. Jiraattotni magaalaa Bishooftuus dhangaa dhamdhamsiiftanii Hora qopheessitanii keessummoota simachuun gaggeessaa kabajaas waan taasiftaniif galata argadhaa. Qaamoliin Nageenyaa nagaa Irreeffattootaa tiksuuf halkaniifi guyyaa hojjetan hundaaf galatan qaba. Ogeessotni miidiyaa biyya keessaafi alaa hundi sirna Oromoo qe’ee isaatti argamtanii tamsaasa sirnaawaa waan taasiftaniif isin dinqisiifachuun barbaada. Kabajamaa uummata keenya Malkaa Finfinneetti akkuma milkoomne Hora Harsadeettis wayyoomneerra. Ulfoo keessanitti kabaja hortanii keessummaa karra hundaan dhufe simattanii nyaachisuurratti gaarummaan magaalaa Finfinneetti mul’ate magaalaa Bishooftuuttis dabalameera. Gaarummaan Irreeffannaa irratti mul’ate; jaalalaafi tokkummaa oljedhee ife kana cimsitanii akka bulfattaniifi daran kunuunfattan waamichakoon isiniif dhiyeessa. Oromiyaa ni ijaarra,Itoophiyaa ni utubna,Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina;Waaqayyos nu gargaara!Shimallis Abdiisaa, PMNOFulbaana 2019Finfinnee