Finfinnee, Waxabajjii 5, 2018 (FMC) — Waltajjiin marii biyyaalessaa dhimmoota bu’uuraa irratti karaa qaroomina qabuun mari’achuudhaan nageenya waaraaf bu’uura cimaa kan itti keenyuu dha jedhan Komiishinar Pirofeesar Masfin Ara’ayaan. Mariin biyyaalessaa Adooleessa 8/2018 jalqabee torbanoota sadii walitti fufiinsaan Finfinneetti akka gaggeeffamu Komiishiniin Marii biyyaalessaa har’a ifoomseera.Komiishinarri Marii Biyyaalessaa Pirofeesar Masfin Ara’ayaa yeroo kana akka jedhanitti; adeemsi marii kanaa gufuuwwan mudatan obsaan darbuun, gara boqonnaa marii isa guddaa fi murteessaatti cehaa jira.Hojiiwwan marii biyyaalessaa kanneen itti aanan waltajjicharratti dhimmoota bu’uuraa Itiyoophiyaa irratti karaa qaroomina qabuun mari’achuu fi waliigaltee waaraa bira gahuu akka ta’e kaasaniiru.Kanaanis, qunnamtiin kutaalee hawaasaa garaagaraa gidduu jiru, akkasumas qunnamtiin uummataa fi mootummaa gidduu jiru akka fooyya’u fi sirni siyaasaa haaraan amanamtummaa irratti hundaa’e akka ijaaramu taasisa jedhan.Waltajjiin kun rakkolee keessoo waggoottan dheeraaf daddabalamaa turan furuudhaan nageenyi waaraa akka mirkanaa’u fi biyya fudhatama qabdu ijaaruuf bu’uurra cimaan kan itti kaa’amu akka ta’e amantaa qaban ibsaniiru.Uummattoonni Itiyoophiyaa wal kabajanii, mari’atanii fi wal dhaggeeffatanii waliigaluun yaada furmaataa dhiyeessan hojiirra oolchuun, biyyi gara boqonnaa haaraa nageenyaa fi guddinaatti akka ceetuuf kutannoo fi carraaqqiin waliinii akka barbaachisu yaadachiisaniiru.Kanaafis, milkaa’ina waltajjichaaf hojiiwwan dhimma marii duraa barbaachisoo ta’an raawwachuuf akka danda’amutti, hirmaattonni waltajjichaa osoo mariin hin jalqabiin torban tokko dura walitti qabamanii akka seenan ni ta’as jedhan. Biraanuu Abarraatiin#Oromia #Ethiopia