Sagantaan Dargaggoota kuma 100 carraa hojiin fayyadamoo taasisu ifoome

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2018 (FMC)- Ministeerri Hojii fi Ogummaa Sagantaa “ Gahuumsa “ jedhamuun Dargaggoota kuma 100 carraa hojiin fayyadamoo taasisuu ifoomseera.Ministeerichi rakkoo hojidhabdummaa furuuf Baankii Addunyaa waliin ta’uun sagantaa shaakala hojiirraa dargaggootaa magaaloota 11 keessatti hojirra oolchaa tureera.Wayita ammaas carraa hojii kana gara magaaloota 16tti babal’isuun dargagoota kuma 100 dabalataan fayyadamoo sagantichaa taasisuuf ta’uun eerameera.Sagantichi deeggarsa doolara miliyoona 52 baankii Addunyaarraa argameen waggoottan laman dhufaniif kan hojiirra oolu yoo ta’u, dargaggoonni Umurii waggaa 18-29 gidduu jiran fayyadamoo ta’u jedhameera.Sagantaa eegalchiisaa irratti Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa Salamoon Sookkaa dabalatee hoggantoonni olaanoo Biiroo Hojii fi Oguummaa Naannoolee argamaniiru.Feevan Bishaawutu gabaase.