Finfinnee,Waxabajjii 3, 2018 (FMC) – Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa maamiltoota dhalarraa bilisaa kuma 500 ol gara sirna faayinaansitti galchuuf sosochii eegaleera.Baankichi mata duree ‘tajaajila baankii hammataa hundaaf’ jedhuun hanqina hubannoo, amantii fi walgahiinsa walqabatee lammiilee sirna baankiin ala ta’an fayyadamoo kan taasisu sosochii biyyaalessaa har’a ifatti eegalchiiseera.Kaayyoon Piroojektichaa maamiltoota haaraa dhalarraa bilisaa kuma 500 ol gara sirna baankiitti fiduu ta’uu Pireezidaantiin Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa obbo Abbee Saannoon ibsaniiru.Kanaanis bakkeewwan uwwisni tajaajila baankii itti xiqqaatan Naannoo Afaar, Oromiyaa, Amaaraa, Giddugaleessa Itiyoophiyaa fi Beenishaanguul Gumuzitti aanaalee 241 irratti xiyyeeffatamuu ibsan.Masaafinti Iyyaayyuutiin#Oromia #Ethiopia