Godinni Shawaa Kaabaa fakkeenya badhaadhinaa ta’aa dhufeera- Obbo Awwaluu Abdii

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 3, 2018(FMC)- Godinni Shawaa Kaabaa fakkeenya badhaadhinaa ta’aa dhufeera jedhan Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin.Obbo Awwaluu Abdiin guyyaa har’aa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Qimbibiitti sassaabbii oomisha qamadii jallisii bonee eegalchiisaniiru.Mootummaan naannoo Oromiyaa inisheetiivii misooma qamadii jallisii boneetiin, birmadummaa biyyaa guutuu taasisuuf, wabii miidhaan nyaataa mirkaneessuun oomishaafi oomishtummaatti humna horuuf hojjechaa jiraachuu wayita kana ibsaniiru.Makaanaayzeeshiniitti fayyadamuun tiraaktaraan qotuu fi kompaaynaraan sassaabuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu bira darbee diinagdee biyyaatti cimsaa jira jedhan.Hojiin misooma qamadii jallisii bonee oomisha alaa galu bakka buusuu fi carraa hojii bal’aa uumaa jiraachuus kaasaniiru.Naannichatti badhaadhina maatii fi biyyaa mirkaneessuuf xiiqiin hojjetamaa jiraachuu eeruun, misooma baadiyaa bu’uurarraa cimsuuf walitti hidhamiinsa kilaastaraa babal’isuun, galtee qonnaa cimsuun fi itti fayyadama teeknoolojii dabaluun oomishni qulqullina qabu argamaa jraachuu himaniiru.Godinni Shawaa Kaabaa fakkeenya badhaadhinaa ta’aa dhufuu eeranii, godinichatti tiraaktaraan qotuu fi kompaayinaraan midhaan sassaabuun aadeffatamaa dhufuu ibsaniiru.Godinichaatti qamadiin jallisii bonee lafa hektaara kuma 200 fi kuma 50 ol irratti misoomaa jiraachuu fi Kanarraas callaan kuntaalli miiliyoonni 9 fi kumni 200 ol akka eeggamu eeraniiru.Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.#Oromia #Ethiopia