Finfinnee, Waxabajjii 1, 2018 (FMC) – Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Itiyoophiyaa qorannoo Baayoo-teeknooloojiin raacatii Piroo Baayootikii aannan itichuu danda’u ‘Itittuu’ jedhamu ifoomseera.Inistiitiyuutichi bu’aa qorannoo kana kan ifoomse waltajjii mariifi agarsiisa guyyaa aannan addunyaa sababeeffachuun guyyaa har’aa qophaa’erratti.Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutichaa Piroofeesar Nigusee Dachaasaa wayita kana raacatiin Piroo Baayootikii ‘Itittuu’ jedhamu kun raacatii dhaabbileen biyya keessaa aannan qindeessuuf alaa galchan kan bakka bu’u ta’uu ibsaniiru.Bu’aan qorannoo kun sharafa alaa hambisuurra darbee aannan Paascharaayizdi ta’e sa’aatii afur keessatti itichuu akka danda’u eeraniiru.Inistiitiyuutichi sanyiiwwan midhaaniifi beelladaa fooyya’oo qorannoon adda baasuun guddina damichaaf qooda olaanaa bahachaa akka jirus ibsuusaanii TOI gabaaseera.Yeroo ammaa kanas qorannoowwan Baayoo-teeknooloojiin deeggaramuun oomishtummaa aannaniirratti xiyyeeffatan hojjetamaa akka jiran eeraniiru.#Oromia #Ethiopia