Waraana Israa’eelii fi Iraan irra deebiin haaromaa jiru…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2018 (FMC) – Waliigalteen dhukaasa dhaabuu eegalee baatiwwan lama booda Israa’eelii fi Iraan gidduutti waraanni akka haaraatti ka’e.Iraan Kaaba Israa’eliitti haleellaa misaa’elaa raawwachuu hordofee Teelaaviiv Lixaa fi Giddugaleessa Iraan Humna Qilleensaan haleelte.Ka’umsi haleellichaa haleellaa qilleensaa Israa’eel Beeruutiirratti raawwachaa jirtu yoo ta’uu, Iraan Israa’eel haleeluu kan itti fuftu ta’uu ibsite.Haleellaan Iraan raawwatte miidhaa tokkoyyuu hin qaqqabsiifne jedhe Ministeerri Raayyaa Ittisaa Israa’eel.Israa’eel garuu Jeettiiwwan waraanaa hedduu fayyadamuun sirna waraanaa Iraan haleeluun tajaajilaa ala taasisuu ibse.Walitti bu’iinsi biyyoota lamaan gidduutti irra deebiin mudate balaa hamaa qaqqabsiisuu akka malu sodaa guddaa uumeera.Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi Israa’eel haleellaa Iraanirratti raawwachuurraa akka of qusattu akeekkachiisuun ni yaadatama.#Oromia #Ethiopia