Finfinnee, Bitootessa 28, 2018 (FMC) – Talaalliin dhibee Gifiraa naannolee 4’tti daa’imman kuma 400 fi kuma 18 oliif kennamuu eegaleera.Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaatti Ogeessi Dhibeewwan talaalliin ittifamaniif deebii laachuu obbo Taaddasaa Yaalawu, talaallii fayyadamuun lammii badhaadheefi fayyaan isaa eegame uumuuf hojjetamaa jira jedhan.Talaallicha daa’imman kuma 400 fi kuma 18 fi 569’n gahuuf karoorfamee gara hojiitti seenamuu kaasanii, talaallichi manneen barnootaa, dhaabbilee fayyaafi manaa manattii kennama jedhan.Hawaasni daa’imman talaalchisuun tattaaffii dhibicharraa eeguuf taasifamu deeggaruu akka qabus dhaamuu isaanii TOI gabaaseera.Talaallichi naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Somaaleefi Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti har’a irraa eegalee hanga Waxabajjii 2, 2018’tti akka kennamu ibsaniiru.#Oromia #Ethiopia