Finfinnee, Caamsaa 28, 2018 (FMC) – Pirezidaantiin Yuukireen Voloodimiiir Zeleniskii pirezidaantii Raashiyaa waliin fuulleetti wal arguun mari’achuuf yaada dhiyeessaniiru.Pirezidaantichi pirezidaantii Raashiyaa Viilaadimiir Puutiiniif xalayaa barreessaniin, nagaani kan dhufuu danda’u marii kallattii biyyoota lamaan gidduutti godhamuun qofa akka ta’e ibsaniiru.Waraanni kun ammas xiyyeeffannoo Ameerikaa fi warra Lixaa ta’uu akka hin qabne kan ibsan Pirezidaanti Zeleniskiin, guutumaan guutuutti dhukaasni akka dhaabbatu gaafataniiru.Kireemliin xalayaa Pirezidaanti Zeleniskii biraa ergame qaqqabuu mirkaneessuun, dhimma kana irratti Pirezidaanti Viilaadimiir Puutiin ibsa akka kennan beeksiseera.Zeleniskii gaaffii marii yommuu dhiyeessan kun kan jalqabaa akka hin taane kan hime Kiireemliin, marii dhugaa yoo barbaadan gara Mooskoo dhufuun Pirezidaanti Puutiin dubbisuu akka danda’an beeksisuu isaa BBCn gabaaseera.Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traampi ergaa kaleessa dabarsaniin, waraana kana dhaabsisuuf hoggantoonni Raashiyaa fi Yuukireen fuulleetti wal arguun isaanii murteessaa dha jedhaniiru.Pirezidaanti Puutiin, naannoolee Raashiyaan duula waraanaatiin to’atte kanneen akka Doneeski, Luhaaneski, Keersan fi Zaaporoojiyaa keessatti Yuukireen tarkaanfii gochaa jirtu dhaabuun loltoota ishee akka baastu fi yaalii miseensa Neetoo (NATO) ta’uuf eegalte akka dhaabdu gaafachaa turaniiru.Pirezidaanti Zeleniskii gama isaaniitiin, naannoolee kanneen akka Kiriimiyaa humnaan fudhatamuu akka hin barbaadne ibsaniiru.Naannooleen kunneen gara Raashiyaatti yoo dabalaman, yeroo biraa Mooskoon Keeviin akka weerartu hayyamuu dha jedhanii dubbachuun isaanii ni yaadatama.Kanaan dura biyyoota lamaan giddu-seentummaa qaama sadaffaatiin araarsuuf mariin yeroo adda addaatti geggeeffame bu’aa malee xumuramuun ni yaadatama.Mikiyaas Ayyalaatiin#Oromia #Ethiopia