Finfinnee, Waxabajjii 2, 2018(FMC)- Naannoo Oromiyaatti qormaanni sadarkaa naannoo kutaa 6ffaa Waxabajjii 8, 2018 irraa eegalee kennamuu eegala jedhe Biiroon Barnootaa Naannichaa.Hogganaan Biirichaa Dooktar Tolaa Bariisoon, haala waliigala hojii barnootaa bara 2018 fi kenniinsa qormaataa Naannoo kutaa 6ffaa, 8ffaafi kan Biyyaalessaa kutaa 12ffaa irratti miidiyaaleef ibsa kennaniin, qormaata Sadarkaa Naannoofi biyyaalessaa kennuuf haaldureen barbaachisan xumuramuu ibsaniiru.Bara kana dhaabbilee barnootaa babal’isuu, hirmaannaa barataa cimsuu, ijaarsa manneen barnootaa bu’uura boruu, ijaarsa daree dabalataa fi digital paarkii akkasumas leenjii dandeettii barsiisotaa, dhiyeessii nyaata barataa fi kitabaa barataa yeroon dhiyeessuun wal qabatee hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu eeraniiru.Qophii qormaata kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaa ilaalchisees barnoota yeroon xumuruu, tutooriyaalii kennuu, qorumsa moodelii kennuun shaakalchiifamaa turuufi ammas shaakala irra jiraachuu kaasaniiru.Qormaata sadarkaa Naannoo Xumura Barnoota Sadarkaa 1ffaa Kutaa 6ffaan Barattoonni kumni 500 fi kumni 47 ol qormaaticha kan fudhatan ta’uu himuun, qormaanni sadarkaa Naannoo kutaa 6ffaa Waxabajjii 8-10/2018 kan kennamu ta’uu dubbataniiru.Kana malees Barattoonni kumni 400 fi kumni 30 ol qormaata Naannoo xumura sadarkaa Giddugaleessaa kutaa 8ffaaKan fudhatan ta’uu kaasuun, qormaatichi waxabajjii 11 fi 12, 2018 kan kennamuufi qormaannis giddugala qormaanni kennamutti geejjibsiifamuu himaniiru.Bara kana barattoonni kumni 200 fi kumni 2 fi 671 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa akka fudhatan eeraniiru.Bara kana walumaagala Naannoo Oromiyaatti barattoonni miiliyoonni 1 fi kumni 100 ol qormaata kan fudhatan ta’uu ibsuusaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.Hawaasni manneen barnootaa, maatiin barattootaa, akkasumas barattoonni qophii irraa eegamu xumuruun guyyichaaf akka of qopheessanis Dooktar Tolaan dhaamaniiru.#Oromia #Ethiopia