Inisheetiivii misooma Muduraa fi Kuduraan dinagdee biyyaa guddisuuf…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2018 (FMC) – Oromiyaatti Inisheetiivii misooma Muduraa fi Kuduraan dinagdee biyyaa guddisuuf hojjetamaa jira.Mootummaan federaalaa, akkasuma kan naannoo Oromiyaa damee qonnaa ammayyeessuun oomishtummaa guddisuu, wabii nyaataa mirkaneessuufi galii qonnaan bultootaa dabaluuf hojii bal’aa hojjetaa jiru.Karoorri mootummaa qonna irratti xiyyeeffate kun qonna aadaa irraa gara qonna ammayyaatti ceesisuun oomishaafi oomishtummaa guddisuu qofa osoo hin taane, jireenya qonnaan bultootaa fooyyessuufi dinagdee biyyaa cimsuufi.Inisheetiiviiwwan qonnaa yeroo ammaa biyyattii keessatti hojjetamaa jiran keessaa misoomni Muduraa fi Kuduraa bakka olaanaa qaba.Keessumaa misoomni Muduraalee fi Kuduraaleen kilaasteraan omishamaa jiran lafa muraasa irraa oomisha guddaa argamsiisuun qonnaan bultootaaf madda galii amansiisaa ta’aa jiru.Godinoota hedduu keessatti qonnaan bultoonni Muuzii, Avookaadoo, Paappayaa fi kanneen biroo sanyii filatamaa dhaabuun yeroo gabaabaa keessatti bu’aa argachaa jiru.Kunis hojii qonnaa gara daldalaafi madda galii dabalataatti ceesisuuf carraa bal’aa uumaa jira.Misoomni muduraafi kuduraa wabiifi birbadummaa nyaataa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa qaba.Oomishaaleen kunneen fayyaa hawaasaa eeguuf barbaachisoo waan ta’aniif mootummaafi qaamoleen misoomaa biroon irratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiru.Naannichatti yeroo ammaa lafti hektaarri kumni 200 fi kumni 40 ol Kuduraa fi Muduraan uwwifamee jira.Bara baajataa kana hanga ammaattis biqilaawwan Kuduraa fi Muduraarraa callaa kuntaalli miiliyoonni 29 argameera.Kana keessaa kuntaalli miiliyoonni 8 ol oomisha Avookaadooti.Oomishni Avookaadoo kuntaalli kumni 2 fi 400 ol gabaa alaaf ergameera.Misooma qonnaan qabeenya uumamaa kunuunsuun, oomisha dabaluu fi Inisheetiiviiwwna bocaman sirnaan hojiitti hiikuun wabii nyaataa mirkaneessuun dinagdeen cimaa ta’e dhaloota dhaalchisuudha.Gammachiis Taarikuutiin#Oromia #Ethiopia