Haleellaa kamiifiyyuu deebii quubsaa laachuuf qophummaa gahaa qabna – Iraan

Wait 5 sec.

Finfinnee,Waxabajjii 5, 2018 (FMC) – Haleellaa kamiifiyyuu deebii quubsaa ta’e laachuuf qophummaa gahaa qabna jedhe Waraanni Eegdoota Warraaksa Islaamummaa Iraan.Tilmaama dogoggoraa diinootaaf deebii gahaa ta’e laachuuf waraanni biyyattii qophummaa gahaa qabaachuu ibse.Teehiraan yeroo kamiiyyuu caalaa amma daran cimtuu, qophummaa gahaa qabaachuu fi salphaatti kan gufanne ta’uu hime waraannichi ibsa baaseen.Iraan sosochii diinaa ilaalchisee odeeffannoo guutuu qabachuu fi sosochii kamiifiyyuu deebii hatattamaa kennuuf qophummaa gahaa qabaachuu hime.Amerikaa fi Israa’eel kabaja, bilisummaa fi guddina Iraanirratti xiyyeeffachuun haleellaa waraanaa, basaasummaa, miidiyaa fi diinagdee taasisuuf yaalanis, tilmaamni dogoggoraa kun osoo hin milkaa’iin hafeera jedhe.Yeroo ammaa kana waldhabdeen Iraanii fi Ameerikaa gidduu jiru hammaataa kan dhufe yoo ta’u, Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi yeroo dhiyootti ujummoo guddicha daddabarsa boba’aa Iraan odoola ‘Kharg’ nan to’adha jechuun isaanii dhimmicha caalmaatti hammeessera.Tibbana Ameerikaan Iraanirratti haleellaa qilleensaa raawwachuu hordofee waraanni Iraanis humnoota Ameerikaa naannawichatti argamu haleeluun ni yaadatama.Yeroo ammaa kana ammoo odeeffannoowwan marii waliigaltee Ameerikaa fi Iraan gaggeessaa jiran faalleesan bahaa jiru.Pireezidaanti Tiraampi mariin Iraan waliin taasifamaa jiru fooyya’iinsa agarsiisuu isaan haleellaan Iraanirratti raawwatamu dhaabbachuu ibsan.Iraan ammoo marii walxaxaan biyyoota lamaanii ammas furmaata kan hin arganne ta’e ifoomsuu BBC fi Press TV’n gabaasaniiru.Birhaanuu Abarraatiin#Oromia #Ethiopia