Kaabineen magaalaa Finfinnee murtoowwan garaagaraa dabarse

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 28, 2018(FMC)- Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 11ffaa waggaa 5ffaa taa’een ajandaalee garaagaraa irratti murtoo dabarseera.Kaabineen magaalichaa jalqaba irratti wixinee danbii hundeeffama bulchiinsa Paarkii Indaastirii Galaan Guuraa irratti mari’achuun hojiirra akka oolu murteesseera.Itti aansuun wixinee danbii qabiyyee lafaa gadi lakkisiisuu fi yaa’ii dhaggeeffannaa dhimmoota beenyaa irra deebiin hundeessuuf dhiyaate irratti mari’achuun wixinicha raggaasiseera.Xumurarratti yaada murtoo lafa ijaarsaa fi babal’ina dhaabbilee fayyaa damee dhuunfaaf oolu dabarsuuf dhiyaate irratti mari’achuun hojiirra akka oolu murteessuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia