Waldichi badhaasa taphataa cimaa Piriimiyeer Liigii Ingilaandiif taphattoota 6 kaadhime

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 28, 2018 (FMC) – Waldaan taphattoota Piroofeeshinaalii Kubbaa Miilaa Ingilaandi badhaasa taphataa cimaa Piriimeer Liigii Ingilaand bara 2025/26’f taphattoota 6 kaadhimeera.Kanaanis Kilaabiin Arsenal taphattoota sadii kaadhimamummaan dhiyeessuun kan dursu yoo ta’u, Gaabriyaal Magaaleesh, Deevid Raayaa fi Deeklaan Raayis kaadhimamtoota keessatti hammatamaniiru.Eegaan karra kilabichaa Deevid Raayaa bara dorgommii kanaan taphoota 19 keessatti kubbaan utuu irratti hin lakkaa’amin ba’uun galmee qulqulluu (clean sheet) qabaachuun badhaasa Giloovii Warqee (Golden Glove) mo’achuun isaa ni yaadatama.Gaabriyaal Magaaleesh fi Deeklaan Raayis Arsenal waancaa liigichaa akka injifatuuf taphattoota gumaacha guddaa gumaachan keessatti kan eeramanii dha.Badhaasa taphataa cimaa Piriimiyeer Liigii Ingilaandi kan waggaa kanaa kan mo’ate, taphataan sarara gidduu Maanchistar Yunaayitid Biruunoo Fernaandees taphataa biraa tarree kaadhimamtootaa keessatti dabalamee dha.Biruunoon kubbaawwan galchii ta’an 21 mijeessee kennuudhaan, bara dorgommii liigichaa tokko keessatti rikoordicha kan dhuunfaa isaa gochachuun kan yaadatamuu dha.Galchiiwan 27 lakkoofsisuun badhaasa Kophee Warqee kan injifate Eerliing Biraawut Haalaand fi Rayaan Sheerkii Maanchistar Sīitii irraa kaadhimamummaan dhiyaataniiru.#Oromia #Ethiopia