Qophummaa qaamaafi xinsammuu wayita qormaataa…

Wait 5 sec.

Qormaanni sadarkaa naannoo kutaa 6ffaafi 8ffaa akkasumas qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa eegalamuuf jira.Qormaanni kun beekumsa barattootaa madaaluu qofa osoo hin taane, gara sadarkaa barnootaa itti aanutti ce’uuf bu’uura waan ta’eef qophii cimaa, kutannoofi yeroo sirriitti fayyadamuu barbaada.Addatti yeroo qormaataa keessatti barattoonni wantoota xiyyeeffannoo isaanii irraa isaan hambisan irraa of qusachuu qabu.Keessumaa yeroo isaanii miidiyaa hawaasummaa irratti baay’inaan dabarsuun qophii isaanii irratti dhiibbaa geessisuu danda’a.Kanaaf yeroo isaanii dubbisa, shaakala gaaffileefi hojii barnootaa irratti oolchuun murteessaa dha.Yeroo qormaataa keessatti qophummaan qaamaafi xinsammuu barbaachisaa dha.Hirriba gahaa rafuun, nyaata madaalawaa nyaachuunfi dadhabbiin akka hin kuufamne of eeggachuun xiyyeeffannoo isaanii ni dabala.Dhiphina qormaataa irraa fagaachuun, of tasgabbeessuunfi ofitti amanamummaa qabaachuunis bu’aa gaarii argachuuf gargaara.Barattoonni “nan danda’a” jechuun of jajjabeessuu qabu; hojii isaanii irratti amanuun milkaa’inaaf karaa bana.Maatiin, barsiisonni fi hawaasni bal’aanis yeroo kana keessatti gahee isaanii bahuu qabu.Haala barnootaaf mijataa ta’e uumuu, barattoota jajjabeessuu fi deeggarsa barbaachisaa ta’e kennuun qophii isaanii ni cimsaa.Maatiin yeroo qormaataa kana keessatti ijoollee isaanii hordofuun, yeroo dubbisaa isaanii kabajuufi jechoota jajjabeessaa kennuun isaanii bu’aa isaanii keessatti shoora olaanaa qaba.Barsiisonnis gorsa barbaachisaa kennuun fi barattoota isaanii karaa sirriitti qopheessuun dirqama isaanii bahuu qabu.Akka naannoo Oromiyaatti bara 2018 barattoonni kumni 500 fi kumni 47 ol Qormaata xumura sadarkaa 1ffaa kutaa 6ffaa ni fudhatu.Akkasuma barattoonni kumni 400 fi kumni 30 Qormaata xumura sadarkaa giddugaleessaa kutaa 8ffaa fudhachuuf qophiitti jiru.Barattoonni kumni 200 fi kumni 2 fi 671 ammoo qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudchachuun yeroo isaanii eegataa jiru.Qormaanni adeemsa dandeettii of madaalanii sadarkaa ofii itti beekan keessaa isa tokkodha malee wanta sodaatamuu qabu miti.Qophii gaarii, hojii cimaa, obsaafi ofitti amanamummaa yoo qabaatan bu’aa gaarii galmeessuun ni danda’ama.Kanaaf barattoonni hundi yeroo hafetti carraa isaanii sirriitti fayyadamuun qophii isaanii irratti cimanii hojjechuu qabu.Milkaa’inni hojii cimaa irraa akka maddu hubatanii, abdii fi kutannoon gara guyyaa qormaataatti ce’uun isaanii murteessaadha.Kanaaf dursanii qophummaa qaamaa fi xinsammuu taasisuun akkaan barbaachisaadha.Gammachiis Taarikuutiin#Oromia #Ethiopia