Finfinnee, Caamsaa 3, 2018(FMC)- Helekooptarri waraanaa Ameerikaa diroonii Iraaniin rukutamuu hordofee Ameerikaan buufataalee ittisa qilleensarraafi raadaarii Iraan dhiyeenya ulaa Hoormuuzitti argaman irratti haleellaa raawwatteetti.Haleellaan kun helekooptara waraanaa ishee Ulaa Hoormuuz irratti rukutamteef deebii madaalawaa ta’uu Ameerikaan ibsiteetti.Ajajni Giddugaleessaa Waraana Ameerikaa, buufataalee ittisa qilleensarraa, to’annoo lafarraafi raadaarota Iraan naannawaa ulaa Hoormuuz irratti argaman haleeluu ibseera.Iraan rukutamuu helekooptaraa kanaaf itti gaafatamummaa fudhachuu baattus haleellaa Ameerikaaf deebii kennuuf buufataalee waraanaa Ameerikaa Baahireen fi Yoordaanositti argaman irratti rookkeettiin haleeluu ibsiteetti.Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp haleellaa kanaaf deebii kennuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.Haa ta’u malee Waashingitan fi Teehraan waraana naannawichaa dhaabuuf mariirra waan jiraniif qaamoleen lameen dhukaasa akka dhaaban waamicha dhiyeessaniiru.Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaqchii gamasaaniin, Ameerikaan haleellaa raawwattu akka dhaabdu akeekkachiisan.Humnoonni alaa nageenyummaan isaanii akka eegamu yoo barbaadan naannawicha gadi lakkisanii bahuu akka qaban ibsuusaanii BBC’n gabaaseera.Yoonaas Geetinnatiin.#Oromia #Ethiopia