Finfinnee,Waxabajjii 6, 2018 (FMC) – Ijaarsi sirna diimookiraasii kan dhugoomu cimina dhaabbilee qofaan osoo hin taane hirmaannaa lammiilee dabalata jedhan Pireezidaantiin FDRE Taayyee Atsiqasillaaseen.Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siiviilii Itiyoophiyaa sagantaa qaamolee Filannoo Waliigalaa 7ffaa milkeessuu keessatti qooda qaban galateeffachuu fi beekamtii kennuu gaggeesseera.Saganticharratti kan argama Pireezidaanti Taayyeen, ijaarsi sirna diimookiraasii kan dhugoomu cimina dhaabbilee qofaan osoo hin taane hirmaannaa cimaa lammiilee dabalata jedhan.Abdiin Itiyoophiyaa haala siyaasaa qaroome keessatti dagaaga jechuun ibsan.Lammiileen Itiyoophiyaa filannoo barana milkeessuu keessa gahee olaanaa bahachuu eeraniiru.Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoo, Ittaanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xirunaa, Aangoota olaanaa, Waldaalee Siiviilii, Paartileen Siyaasaa fi qooda fudhattoonni biro saganticharratti argamaniiru. #Oromia #Ethiopia