Yuunivarsiitichi guyyaa hundeefama isaa waggaa 30ffaa kabaja jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 27, 2018 (FMC) – Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa guyyaa hundeefama isaa waggaa 30ffaa kabaja jira.‎Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa waggootan 30n darban keessa lammilee hunda beekumsaa fi dandeettin ga’oomsaa jiraachuu Pireezidantiin yuunivarsiitichaa Dooktar Garaamoo Huluqaan ibsan.‎Yuunivarsiitichi hojii baruu fi barsisuu qofa osoo hin taane qorannoo fi qo’annoo taasisuun jireenya hawaasa jijjiiraa jiru ta’uu dubbatanQulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti dhaabbata qooda olaanaa bahataa jiruudha jedhan. ‎‎Yuunivarsiitichi  hojiilee mootummaan hojjetu si’ataa fi dhaqqabamaa akka ta’u gahe guddaa bahachuu Itti gafaatamaan Waajjirra Pireezidantii mootummaa naannoo Oromiyaa Dooktar Aldulaziiz Dawuud kaasaniiru.‎Hojii Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaloota barnoota fi Teeknooloojiin ijaaruuf hojjetaa jiru keessatti dhaabbata gahee olaanaa bahataa jiruudha jedhan.‎Miidhagsaa Qachaatiin‎#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.