Kaayyoon milkaa’inoota hundaa bayyanachuu Itiyoophiyaa dhugoomsuudha- Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 22, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Kaayyoon milkaa’inoota hundaa bayyanachuu Itiyoophiyaa dhugoomsuudha jedhan.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa Naannoo Somaaleetti Pirojektii gaazii uumamaa dhangala’aa Ogaadeen marsaa jalqabaa waggaatti gaazii liitira miiliyoona 100 fi miiliyoona 11 oomishuu danda’u eebbisaniiru.Hojiileen badhaadhina Itiyoophiyaaf bu’uura guddaa kaa’an eegaluu kaasanii, kayyoon milkaa’ina hundaa bayyanachuu Itiyoophiyaa dhugoomsuuf waan ta’eef Itiyoophiyaanonniifi michuuwwan Itiyoophiyaa hundi baga gammaddan jedhaniiru.Barri 2017 fi 2018 akka waggoota 100’tti yeroo bal’aa Itiyoophiyaaf fiduu eeruun, yeroowwan kanneen keessatti misiraachoon Hidhi Haaromsaa labsamuun pirojektiin inarjii guddaan eebbifamuu yaadachiisaniiru.Yeroo baatii tokko hin guunne keessatti pirojektoonni invastimantii Doolaara biiliyoona 10 eegaluufi eebbifamuu dubbataniiru.Naannoo Somaaleef guyyaa har’aa ifti badhaadhinaa baateetti kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad, ifni naannichatti mul’ate kun guutuu Itiyoophiyaatti hanga mirkanaa’utti fi lammiilee hunda waanjoo hiyyummaa keessaa baasuun sadarkaa badhaadhinaafi misoomaatti hanga cehanitti hojjechuutu nurraa eegamas jedhan.Yoonaas Geetinnatiin.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.